Bilisummaa Saba Oromoo

Saturday 1 October 2011

Morkataa Roorroo amantiin oromoota walitti diruu akka dhiisu haa gorsinu

  Amantii sababa godhachuudhan warri oromoota walitti diraa jirtan kan akka morkataa roorroo hojii akkanaa irraa akka of qusattan ammaan duras gorsi addaa addaa yeroo baay'ee akka kennamaafii ture warri keessa isaa beeku ni dubbatu.morkataan garuu gorsa kana fudhachuuf dandeettii inni qabu baayyee salphaadha.haa ta'u malee bakka addaa addaatti beekaa fii hayyuun oromoo ana malee hin jiru jechuudhan beekumsa isaa kan amantii olola oofudhaan akka oromootni gamtaa tokko ta'anii waliin hin hirmaannef shira chimaa erga geggeessuu jalqabee turee jira.

Namtichi morkataa roorroo jedhamu kun ammaan dura otuu carraa biyya 3ffaa hin argatin dura biyya keenyaa magaalaa naironi akka ture kabn dubbatu odeeffannoon keenya yeroo sana keessattis hojiin inni hojjachaa ture yoomiyyuu kan dagatamuu qabu miti jechuudhan kan gabaafame yommuu ta'u barreeffamni kun irra deddeebi'uudhan kan inni barreessee shira akka morkataan ilmaan oromoo irratti hojjachaa ture gonkuma alagaadhanuu ilmaan oromoo irratti hojjatamee hin beeku erga jedhee booddee hojii farrummaa morkataa roorroo yeroo gabaabbinaan ibsu biyya keenya magalaa nairobi keessatti embassy ethoipia warra kenya keessa jiran wajjin hariiroo chimaa tolfachuudhan ilmaan oromoo warra fincila diddaa gabrummaa baqatanii biyya sana keessatti lubbuu isaanii jiraachisaa jiran keessaa kan alagaati gurgurate 1-henok moosisa
2-mohamed abbaa garoo
3-girmaa tolosa
4-bekele olanaa 
5-muusaa adam
6-zaakir huseen fii nama 3 kan yeroof maqaan isaanii hin argamin irratti shira xaxee qarshii dhuma hin oollef jecha ilmaan oromoo gurguratee akka keeziin/case/isaa atattamaan gara biyya sadaffaa qaqqabuuf gochuudhan tarkaanfii inni oromoota warra lubbuu isaanii baraaruf biyyaa baqatan irratti shira akkasii erga hojjachaa turee booddee biyya 3ffaa argatee gara biyya norway erga deemee boodas haaluma kanaan walii galteen ilmaan oromoo kaayyoo tokko irratti akka waliin hin hundoofnef tattaaffii inni gochaa turee fii kan inni yeroo ammaa kanas hojjachaa jiru akka malee kan nu gaddisiise jechuudhan odeeffannoon keenya gabaasee jira.

Haaluma kanaan wal qabatee hojiin namichi kun hojjachaa ture kana duwwaa otuu hin ta'in bara 2008 fii 2009 keessa guyyaa kabajaa gootota oromoo yaadannoo qophaawe irratti olola amantii kaasudhaan yaada adda addaa dhiyeessee shakkii guddaa oromoota ayyana goototaa kana kabajuuf magalaa oslo keessatti wal gahan akka walitti muufatanii addaan bittinaawan godhee kan jiru yommuu ta'u amantii waaqeffataa fii amantiilee gara biraa walitti buusuf yoo tattaafateyyuu yeroo sanaaf akka hin milkaawin kan dubbatan warri ayyaanicha irratti argaman garuu sababa sana irraa kan ka'een jiraattota biyya norway keessa jiraatan hirphaa gaanfurree;tottoobaa,ilfinash qannoo fii oromoota amantiin isaanii waaqeffataa ta'e warra islama ta'an wajjin walitti buusuuf carraaqqii guddaa akka gochaa tures hubatamee jira.

Bara 2011 kabajaa ayyana irreechaa ykn irreessaa kan biyya norwayitti oromootan qophaawe irratti yaada inni kenne keessaa amantiin waaqeffataa jedhamu hin jiru,jiraachaas hin turre,jiraachuus hin danda'u kan jedhu dhiyeessee yaada kanaan oromoota hedduu walitti buusuf tattafachaa kan ture ilmaan oromoo meeqatam akka walitti dallanan godhee jira.namni kun hanqina dammaqinaa kan qabu yommuu ta'u garee isa deeggartu kan dhalootan biyya tokko ta'anii fii warra sheekanaa husseenitti amanan deeggartoota ijaarratee akka mormii guddaan ka'u godhee jira.

Egaa ilmaan oromoo ayyanicha irratti argaman yeroof yoo walitti muunnoon jiraateyyuu yeroo ammaa kana garuu waanti nama yaachisuu tokkollee akka hin jirre maddi odeeffannoo kun irra deddeebi'ee addeessee jira.haaluma kanaan kan wal fakkaatu addi bilisummaa oromoo biyya keessatti dargaggoota oromoo lafarraa ficcisiisaa jira jechuudhan facebook isaa irratti barreessaa akka turee fii waa'ee amantii irra deddeebi'ee barreessaa kan jiru namni kun amantiin kan abbaati biyya garuu waliin qabna jedhamee erga itti himamee boodallee hojii isaa irraa kan of qusachuun irra ture dhiisee cimee hojjachuu akka jalqabes qorannoo namota isa beekan irraa argame irraa hubachuun danda'amee jira.


Sana malees sarara paltalk irratti ummata oromoo warra gamtaa tokkummaa oromoo irratti wal mari'achuuf yeroo isaa gubee yaada wal jijjiirrachuutti jiru jidduu seenee seenaa amantootaa fii kutaan oromoo kudha tokko miti kutaa lama qofa jechuudhan yaada sana akka hirmaannan ilmaan oromoo hin milkoofnef yaada hin barbaachifne kan amantiilee oromoo kan waaqeffannaa,islma,chiritian,jechuudhan kaasee walitti diraa ture ammas haaluma sana irratti argama jechuudhan gabaafamee jira.


barreeffamni kun ammallee hin raawwanne fuula duraaf itti fufa..

No comments: