Bilisummaa Saba Oromoo

Monday 26 September 2011

Duraan dursee nagaan koo kan oromummaa bakka jirtan hundatti qilleensa iraan isin haa gahu kabajamtoota sabboontota ilmaan oromoo hunda keessan jedhee ergan nagaa koo isinitti dhaammadhee booddee waantin jechuu barbaadu akka asiin gaditti argamu kana ta'a.

Sunis haala yeroo ammaa kana ummata oromoo jiddutti argamu kan addaan wal qoodun hojjachaa jiran keessumatti hooggantoota adda bilisummaa oromoo keessaa warra ammas akkuma kaleessaa maqaa ethiopiatin qabsaawuu barbaadan keessaa akka fakkeenyatti amin jundi kan jedhamu maqaa kaasun kan danda'amu yommuu ta'u amin jundi miseensota qabsoo bilisummaa oromoo keessaa nama isa tokko yommuu ta'u yeroo ammaa kana garuu warra habashaa maqaa ginbot7
jechuun of moggaase wajjin haraarama geggeessaa akka jiruu fii qabsoon bilisummaa oromoo ammas akkuma kaleessaa akka lafa irra arkifatuuf gochaan inni gochaa jiru akka inni yaadutti ummata oromoo fii miseensota hunda abdii kutachiisuf socha'aa akka jirus beekamaadha.

Haalli kunbifa lamatti addaan bahee laalamuu kan qabuu fii qabsoon bilisummaa oromoo galma gahuu kan danda'u sochii habashootaa kan ginboot7 otuu hin ta'in qabsoo qulqulluu makaa of keessaa hin qabneen qabsoon bilisummaa oromoo galma gahuu danda'a malee habashoota wajjin akka hin taanes warri muuxannoo qabsoo bilisummaa oromoo qaban irra deddeebi'anii dubbachaa jiru.


Egaa akkuma beekamutti qabsoon bilsummaa oromoo kun gara qabsoo warra habashatti dabalamee wajjin qabsaayun kan dirqama ta'ee mull'dhatu yoo ta'eef waan lama gurguddaa hubachuun barbaachisaadha.innis tokkummaa fii wal amantaa wal amananii wajjin hojjachuu fii waliin tarkaanfachuu ilmaan oromoo caayaa tokko jalati walitti qabamee tokkummaan miseensota bilisummaa oromoo cimee sadarkaa kam irra akka gahe erga hubatamee booddee tokkummaa kun bakka barbaadamu gahee yoo kan argamu ta'eef habasha wajjin qofa otuu hin ta'in abbaa barbaadne wajjin waliif galteedhan qabsoon kamiyyuu geggeeffamuu ni danda'a.sunis mirkanaawuun kan danda'amu tokkummaan miseensotaa fii kan abbootii taa'itaa adda bilisummaa oromoo kan haala amma jiru kanaan otuu hin ta'in fuula duraas amansiisaa fii rakkoo boru ummata oromoo qunnamuu danda'uuf deebii guddaa deebiisuu fii injifachuu kan danda'u yoo ta'eef ammaa barbaadne wajjin qabsoo hidhannoo geggeessun kan nama rakkisu miti.

Haala kanaafis fakkeenya guddaa ta'uu kan danda'u rakkoolee kaleessa qabsoo bilisummaa oromoo keessatti mul'dhachaa turan otuu sirna tokkoon hin ilaalamin hooggantoota duwwaatti amanuudhan qabsoon bilisummaa oromoo galma gahuu danda'ama jedhamee otuu tokkummaa fii wal amantiin siyaasaa miseensotaa fii abbootii waraanaa jiddutti hin mirkanaahin waan guddaa hojjachuuf karaa seenun adda bilisummaa oromoo akkuama yeroo ammaa ilaaltan kanatti qabsoon kun yeroo dheeran akka lafarra butamee duubatti harkifatuu fii gara dadhabbinaatti deemaa jiraachuun isaa haala yeroo sana irraa ka'een ta'uu isaa hubatamera.

Yeroo ammaa kanas akkuma kaleessaa sanatti tokkummaan keenya eessa akka gahee fii sadarkaa kam irra gahuu akka danda'u keessumatti miseensotaa fii ummata oromoo magaalaa fii baadiyyaa jiddu galeessa kan godhate hirmaannan tokku ta'uu isaa fii ummatni bal'aan oromoo kutaalee hunda keessa jiru akkasumattis warra biyya alaa jiru dabalatee ummatni kun kan afaan tokkoon dubbatu yoo ta'eef warra habashaa qofa otuu hin ta'in warra abbaa barbaaddee wajjin walii galuun tokkollee kan rakkoo fiduu danda'u akka hin taane hubachuun barbaachiisa ta'a jedheen yaada.

No comments: