Bilisummaa Saba Oromoo

Saturday, 8 October 2011

Dhaamsa Oromummmaa kan oromoota hunda ilaallatuu fii atattama kan ta'e.

Duraan dursee nagaan koo kan oromummaa bakka jirtan hundatti isin haa qaqqabu sabboontota,kabajamtoota,jaalatamtoota ilmaan oromoo hundaaf yaada tokko atattama kan ta'e dhiyeessun dirqama waan natti ta'eef ammaan duras barreeffama kana yeroo baayyee irra deddeebi'ee facebook kiyya irratti maxxaanseen ture.haata'u malee waanti barreeffamni sun of keessatti qabate barreeffama white house barack obama fii waajjira mootummaa addunyaa irraa kan bahe yommuu ta'u barreeffamni kunis kan inni irratti xiyyeeffatee barreeffame waa'ee rakkina ummata oromoo yeroo irraa yerootti babal'atee deemaa kan jiruu fii fuula duraas sodaachisaa kan ta'e waa'ee rakkoo ummata oromoo fii keessumatti barattoota oromoo akkasumas baqattoota oromoo biyyota ollaa keessatti akka malee dararamaa jiranii fii haala adda addaa irratti xiyyeeffachuudhan barreeffamni kun waan baay'ee barreessee jira.

Haaluma kanan wal qabatee rakkoon ummata oromoo kun maal irraa akka madde yommuu dubbatu barreeffamni kun ummatni oromoo biyyota ollaa keessatti baqattummaan akka rakkatanii fii barattootni oromoo biyya isaanii keessatti mana hidhaatti guuramaa jiraachuu isaanii waldaan falmitoota mirga dhala namaa fii waldaan gamtaa tokkummaa kan mirga dhala namaatif mormu tokkummaan europe gabasuun isaa kaasudhaan barreeffama dheeraa erga barreessee booddee maddi rakkoo kanaa mootummaa ethiopia kan amma biyya bulchaa jirtu gabrummaa dachaa ta'e ummata oromoo fii ummata biyya sanaa irraan gahaa akka jirus erga saaxilee booddee yaada kanaaf furmaata kennuun kan danda'amu maal akka ta'es barreeffama kana keessatti tuqamee jira.rakkoon ummata oromoo kun waajjira mootummaa addunyaa keessatti rakkoo amansiisaa ta'uu isaatif jedha barreeffamichi lammiilen oromoo namootni 5000 ol ta'an iyyannaa barreessudhaan gara waajjira tokkummaa mootummootatti dhiyeeffachuu danda'uu akka qabanii fii iyyannaaleen ammaan dura gara white housetti dhiyaatan hunda wajjin walitti dabalamanii murtii isa dhumaa kennuuf mootummaan addunyaa yaada kana gadi fageenya erga hubatee booddee rakkooleen kun haala kanaan yoo kan itti fufu ta'eef waggaa 10 dhufu keessatti ilmi namaa keessumatti lammiin oromoo dhibbentaa 99n akka biyya irraa manca'uu fii akka mana hidhaatti guurramee dhumu ta'a jechuudhan gabaafamee jira.


haaluma kanaan wal qabatee barreeffamni yeroo irraa yerootti ilmaan oromootin barreeffamee gara waajjira tokkummaa mootummootatti dhiyaate yoo kan madaalamu ta'eef dhibbentaa isaa beekamuu hin danda'u kan jedhan barreessan tokkummaa mootummootaa banck moon yaada kana irratti sa'aa tokko erga dubbatee booddee ture dubbii himaan wajjirichaa yaada kana barreessee gara mootummaa addunyaatti dhiyeessuf kan dirqama itti ta'e jedha barreeffamichi kun.


kanaaf yeroo ammaa kana waanti atattamaan barbaadamaa ta'e iyyannoo namoota 5000 yeroo gababaa keessatti gara waajjira tokkummaa mootummootaa akka qaqqabu kan jedhamu yommuu ta'u warri yaada kana barreessuu dandeessan iyyannaa keessan erga barreeffattanii booddee code/koodii/
ittiin ergamu ammoo gara keenyatti barreessudhaan argachuu akka dandeessan isin hubachiisuu barbaadna.koodin kun asirratti barreeffamuun hin barbaachisu waan ta'eef jecha iccitii jiru bittinneessa jechuun erga itti amannee booddee asirratti barreessuu irraa of qusannee jirra.kanaaf yaada dhiyaate fii carraa argame kantti gargaaramnee mootummaan abbaa hirree kun atattamaan akka biyya irraa manca'uuf tokku taanee yaada keenya tokkoomsudhaan iyyannaa keenya gara qaama dhimmi kun ilaallatuutti akka dhiyeeffannu jechuudhaan iyyannaa keenya gara keessan dabarfannee jirra.


Iyyannaa keessan erga barreeffattanii booddee koodii iyyannaan sun ittiin ergamu argachuuf karaa teessoo keenyaa asiin gadii kanaan nuuf barreessaa.
hawi123@hotmail.co
bkiilolee@yahoo.com
oromiyaa11@gmail.com
akkasumatti warri bilbiluu dandeessan ammoo lakkoofsi ittiin hojjannu 0033629208003 yommuu ta'u karaa biraatin face book kiilolee birraa inbox keessatti ergaa keessan barreeffachuu akka dandeessan isin beeksisuu barbaadna.

     **Gadaan gadaa bilisummaati**
      **   Oromiyaan ni bilisoomti** 

No comments: