Bilisummaa Saba Oromoo

Thursday 2 June 2011

www.kiilolee-birraa.com




          www.kiilolee-birraa.com
  Akkuma beekamutti website kiilolee-birraa jedhu Google irratti barbaadamee argachuun ni danda'ama kanaaf  karaa www.kiilolee-birraa.com kan jedhuu fii ammas karaa lammaffaa Guutuu Oromiyaa waliin haa ijaarru kan jedhu irratti wal taanee humna tokkoon wajjin hojjachuu akka dandeenyu isin beeksisuun barbaada.
   kanaaf egaa fuula duraaf dhimma oromiyaa ilaallatu irratti waliin hojjachuuf karaa adda addaatin qophiileen adda addaa godhamaa kan jiran yommuu ta'u yeroo ammaa kana ilmaan oromoo warra sabboontota ta'an fii warra bilisummaa oromootif yeroo hunda wareegama gochaa jiran wajjin hirmaachuudhaan gahee nurraa eegamu akka baanu dhaamsa koo dabarsa.ammaan duras qabsoon bilisummaa oromoo yeroo dheeraa geggeefamaa yoo tureyyuu garuu haalli tokko tokko rakkina qabaachaa waan tureef qabsoon kun gara fuula duraatti tarkaanfachuu irratti rakkinni tokko tokko yoo tureyyuu yeroo ammaa kana garuu rakkinaa fii gufuulee ammaan dura sirna adeemsa qabsoo keessatti mul'achaa turan hunda maalummaan isaanii waan hubatameef fuula duraaf garuu haalli sun sirraawee qabsoo keenyaf gufuu akka hin taane qabsoo cimaa itti godhameen yeroo ammaa kana guutumaan guututti yoo dhabamuu baatellee haala duraan ture sana irraa fooyya'ee jira.
     Egaa qabsoon bilisummaa oromoo ammaan booda galma gahuu kan danda'u dhiiga ilmaan isaatin yommuu ta'u amman duras garuu haaluma kanaan yoo tureyyuu hanqinni qabsoo dabree dabree mul'achaa waan tureef yeroon qabsoo bilisummaa oromoo duubatti arkifatee jira.akka warri seenaa beekan dubbatanitti qabsoon bilisummaa oromoo waggoota dheeraa lakkoofsisee jira kan jedhamuuf yeroo deebii kennan bifa lama irratti hundaa'udhaan ture haalli qabsoo bilisummaa oromoo turtiin isaa kan madalamuu danda'e:-sunis haala yeroo wajjin wal qabatee qabsoon bilisummaa oromoo yeroo dheeraa kan ture ta'uun isaa kan beekamu yommuu ta'u turuun isaas hammeenyaf otuu hin taane waanti yerootti barbaadamu yeroo sanaaf atattamaan qaama barbaachisu dhaqqabuu hafuu isaatif qabsoon akka duubatti arkifatu godhee jira.itti dabalees haalli qabsoo bilisummaa oromoo keessa ture fii kan ammallee dabree dabree mul'atu ijaarsa galma tokkummaa irratti haalan duubatti hafuu isaatif kunis qabsoo bilisummaa oromootif gufuu isa tokko ta'aa turee jira.amma garuu yeroo amma jirru kanatti haalli sun hundi fooyya'ee oromoon mirga bilisummaan qabu waan hubatee jiruuf fuula isaa gara tokkummaatti deebisuudhan qabsoo cimaa godhee bilisummaa isaa goonfachuu barbaadaa akka jirus tuquun barbaachisaadha.
     Ammaan dura oromoo waggoota dheeraf addaan wal qooduudhan rakkinni jidduu oromootaa ture amantii fii kutaan wal qooduu wal jibbuu ,fii waliif rifachuu dhabuu ture.sunis haala yeroo wajjin walitti dabalamee mootummootni karaa kaabaa irraa dhuftu oromoota warra garaan gurgure nu jidduudhaa filuudhan ture akka nummaan deebinee wal waraannuf tooftaan nu irratti hojjatamaa turee fii akka humna hin godhannee fii akka walii galteen nu jidduudhaa dhabamuuf kan nurratti hojjatamaa ture alagaan akka milkaahu ta'aa ture.sababa kanaa fii kanneen kan biraa walitti dabalamuudhan ture qabsoon bilisummaa oromo kan gara duubatti arkifachuu danda'e.
    karaa biraatin haala haddhaa qabsoo bilisummaa oromoo yeroo ilaallu qabsoon kuni yeroo dheeraa tureera jechuun hin danda'amu.haala rakkina qabsoo sana keessa turee fii adeemsi qabsoo rakkina inni of keessaa qabaachaa ture waliin yommuu madaalamu qabsoon bilisummaa oromoo kan amma jalqabame malee kan waggoota dheeraa lakkaawwate hin fakkaatu.rakkinni inni guddaan qabsoon kun akka waggoota dheeraa lakkaawwatu kan isa taasise tokkummaa dhabuu fii lammii amanuu dhabuu akkasumatti alagaa amanuu waan ta'eef "Goobana Daaccee" irraa kan nu jalqabe bitamuun oromootaa ammas haaluma sanaan karaa goobanan baasee irratti oromootni baayyeen tarree galanii hiriirudhaan oromootni akka bakka baayyetti addaan fottoquuf karaa banee jira.
    Yeroo ammaa kana yoo sirritti hubannee ilaalle oromoon bakka saditti/3/ waan qoodame fakkaata.oromoota haqaaf falman yoo itti daballe kan bakka afuritti/4tti/ qoodaman fakkaata.sunis:-haala hojii yeroo ammaa hojjatamaa jiru wajjin wal qabatee tokkummaan oromoo yeroo ammaa kana yoo cimaa dhufeyyuu haalli tokko tokko tokko kan ammallee nama jibbisiisu akka mullachaa jiruf waliitti qabanii seenaa oromoo keessatti waliin hubachuun barbaachisaadha.
      1-Oromoo warra mirga abbaa biyyummaa isaanitiif mormuuf qabsoo hadhaawaa gochaa jiran ammallee akkuma gootota durii ergaa fii dhaamsa gootota kaleessaa galmaan gahuuf qabsoo irra kan jiran gootota bilisummaa oromoo walabummaa oromiyaa fii tokkummaa ilmaan biyyaatif qabsoo hadhawwaa gochaa kan jiran sadarkaa duraa irratti kan ilalamu yommuu ta'u oromoota kaanis maal irra akka jiranii fii hawwiin isaani biyya isaanii oromiyaa fii lammii isaanii oromoof qaban maal akka fakkaatu waliin haa ilaallu.egaa akkuman asiin olitti ibsuuf yaaletti oromoota haqaa barbaadaa jiran qabsoo bilisummaa ummata isaanii irratti wareegama guddaa baasaa kan jiran "Oromoo haqaa" jechuudhan kan maqaa itti moggaasan yommuu ta'u karaa haqaa irratti tarree galuudhan tokkummaa oromoo fii walabummaa oromiyaatif halkanii fii guyyaa qabsoo hadhaawaa warra gochaa jiru fii warra gochaa turee otuu bilisummaa manaa baheef sana ijaan hin argin warri wareegamanis kaayyoo isaanii galmaan gahuuf jecha jidduu keenyaa kan dhabaman galatni isaanii "Jennata"haa ta'u jenna.
    Duraan dursee maqaalee arfan oromoof moggaafame keessaa asiin gaditti yommuu tarreeffamu:- 1- "Oromoo Haqaa"
                        2-"Oromoo Garaa"
                        3-"Oromoo Karaa"
                        4-"Oromoo Dharaa" yommuu ta'u kan shanaffaallee hin huumama kan jedhan keessa beektotni seenaa ni dubbatu.
    Egaa akkuman asiin olitti ibsuuf yaaletti oromoota haqaa kaayyoo isaanii galmaan gahuuf jaalala biyya isaaniif saba isaanif qaban bakkaan gahuuf alkanii fii guyyaa otuu hin jenne qabsoo gochaa kan jiran maqaan isaanii oromoo haqaa jedhamee moggaafamee jira.jechi kunis sirridha ta'uus kan qabudha kan jedhan hayyuuleen oromoo baayyeen maqaa kanaf deeggarsa guddaa kennannii jiru.
                          2-"Oromoo Garaa"     
    Oromoo Garaa kan jedhamu kun arrabsoof otuu hin taane hojii oromootni baayyee yeroo ammaa kanaa fii ammaan duras alagaa jala hiriirudhaan saba isaanii fii obboleewwan isaanii oromoo irratti yakka hojjachaa kan turanii fii ammallee kan jiran ilaalchisee maqaa moggaafamedha malee kan arrabsoo jedhamee moggaafamae miti jedhu warri maqaa kana argatan.egaa haala kana irraa ka'uudhan garaa fii bu'aa yerootif jecha kan ilmaan oromoo alagaaf dabarsanii kennaa jiran lakkoofsi isaanii yeroo ammaa kana haalan baayyaachaa dhufee jira.haala kanan wal qabatee beektotni yeroo dubbatan oromoota warra garaaf hojjatan jechuu irraa kan ka'e maqaa kana moggaasun dirqama ta'ee jira jedhu.
     Jalqaba jaarraa 19ffaa irraa kan goobana daacceetiin nu jalqabe bitamuun oromoota warra abbaa garaa ammas karaa goobana daaccee irra tarree galuudhan oromootni warri oromummaa isaanitti hin amanne yeroo ammaa kanas ilmaan oromoo badii tokko malee yakkuudhan diina wajjin firoomanii oromoo alagaa ykn diina godhachuudhan ammallee irriba irraa warri hin dammaqin ilmaan oromootif diina guddaa kan alagaa daran ilmaan nalaatif gufuu ta'aa jiran warra garaan gurgure oromoo garaa akka ta'an beekamaadha.
     Oromoon yeroo hunda haala dhugaa irratti hundaa'udhaan makmaaka.sunis gochaan warra abbaa garaa kuni makmaaksa oromoo keessaa tokko kan nama yaadachiisudha.sunis:-qottootu akkas jedhee mukatti makmaake jedha oromoo gaafa makmaaku.
    "Ani maalan isin godhe kan jallatee isin jidduudhaa margetu lafa irraa isin fixe malee jedhee qottoon mukatti makmaake jedha oromoon,egaa jechi kuni haala amma dubbachaa jirru kanaan yeroo walitti ilaalamu jecha sirridha.otuu mukti jallataan hin jiru ta'ee/mukti qottoo hin jiru ta'ee qottoon kophaa ishee waan tokko muruu hin dandeessu ture.
     Haala kana waliin wal qabatee bilisummaa oromootif gufuu kan ta'e fii wayyaanef akka muka qottoo sana ta'ee kan lafarraa nu fixaa jiru warruma jallatee nu keessan dhalate fii warra eenyummaa isaa of wallaale fii dhimma yerootif jecha oromoof naasuu dhabee qarshiif jedhee ilmaan oromoo dhiiga isaa warra ta'e dabarsee alagaaf irbaata rasaasaa akka ta'u gochaa warri jiru alagaa otuu hin ta'in warra garaan gurguree jallatee nu jidduudhaa dhalatedha.



1 comment:

Unknown said...

Qabsoo bilisummaa oromoo keessatti kan rakkina fide namoota malee hoogantoota miti warri jettan dogoggortanii jirtu