Bilisummaa Saba Oromoo

Monday 6 June 2011

Laga mormorii fii mootummaa wayyaanee

       Yeroo ammaa kana mootummaan wayyaanee warri mallas zenaawwiitiin durfaman waa'ee laga mormor hidhuu ilaalchisee ummata gowwoomsuu fii waan hin jirre dhugaa fakkeessitee biyya keessa akka saree maraattee naannawuudhan qarshii kadhachaa akka jirtu hubatamee jira.
     Biyya canadatti kan bobba'e gareen horii kadhatu akkuma gara canadatti duuleen haalli itti amananii deeman mijjaawuu dhabee akka qaanfatanii of duuba deebi'an beekamadha.garee waa kadhachuuf gara kanadatti bobba'e ummatni hirira nagaa itti bahuun qarshii kadhatee deebisee meeshaa waraanatiin bitee ummata cunqurfamatti duuluf karoora akka qabu kan mootummaa can,adatiif gabaasan ummattootni cunqurfamoo warri biyya canadaa jiraatan saaxilanii jiru.
    kana malees torbee darbe kana keessa baatii caamsaa keessa gara biyya francetti kan duule gareen kadhattuu wayyaanee kan mallasaa zeenawwitiin durfaman gara biyya france magaalaa Lyonitti ummata walitti qabatanii qarshii funaannachuuf yaalin isaan godhan otuu hin mijjaawin hafee ture.
     magaalaa Lyonitti kan argamu mana nyaataa kan abashaa maqaan isaa minilik hoteel jedhamu tokkotti jala deemtuu warra kadhattuu kan taate lammiilee habashaa fii kan oromoo ta'ani tokko gara hawasa biyyattii keessatti argamanitti erguudhan akka wal gahanii waan barbaachisu waa'ee laga mormoriif gumaachan gaafachuuf yaalii guddaan godhamee ture.garuu otuu hin milkaawin waan hafeef ganama sana otuu oolanii hin bulin xiyyaruma dhufaniin gara biyya isaanitti akka deebi'anis hubatamee jira.
    Dura taa'aa wayyaaneetiin kan durfamu gareen kun yoo haalli biyya france mijjaawee biyya awuroophaa guutuu keessa deemanii horii kadhachuuf yaadanii akka manaa bahan kan dubbattu jaleen wayyaanee tokko kan lammiin oromoo ta'e maqaan isaa Asheetuu kan jedhamu garee horii kadhattu kana jalaa miliquudhan biyya francetti yeroo ammaa kana koolu-galtummaa gaafachuu irra akka jirus itti dabalee kan addeesse maddi oduu kanaa Asheetuun biyya kanatti koolu-galtummaa kan gaafate ofii isaatif jaallatee otuu hin ta'in dammaqinsa oromootni magaalaa Lyon kennaniifitti gargaaramuudhan ture garee horii kadhattu kana jalaa akka miliqus kan godhe ilmaan oromoo jiraattota magaalaa Lyon akka ta'es hubatamee jira.

No comments: