Bilisummaa Saba Oromoo

Wednesday 1 June 2011

Baqattoota oromoo fii mootummoota ollaa ethiopia

       Baqattoota oromoo fii biyyoota ollaa ethiopia 
akkuma beekamutti biyyotni biyya ethiopia wajjin wal daangessan akkasumatti ollee biyyattii kan ta'an biyyota muraasa akka ta'an beekamaadha.
isaan  keessaa amma tokko yommuu ilaallu:-
                  1-somaliyaa
                  2-somaliland
                  3-kenyaa
                  4-suudan
                  5-jibuutii
                  6-Ertiraa fii akkasumas biyyoota tokko tokko maqaa kaasun ni danda'ama.egaa waanti biyyoota kana barbaachiseef cimina biyyootni kun qaban ilaaluf otuu hin ta'in haalli isaan baqattoota oromoo irratti qaban maal akka fakkaatu yommuu ilaallu duraan dursa garuu biyya somaliland kan ofiin jettu baqattoota oromoo wajjin hariiroo isheen qabduu fii hojiin isheen baqattoota oromoo irratti hojjajaa turtee fii ammallee hojjachaa kan jirtu maal akka fakkaatu dhalootni boruu seenaa kana akka qoratuuf jedhamee barreessun barbaachisaa waan ta'eef jecha kan hojjatamedha.
    Akkuma beekamutti biyyi somaliland jedhamtu bara 1991 dura qaama biyya somaliyaa akka turtee fii qaama somaaliyaa irraa kutaa kaaba dhiya somalitti argamuu akka turte beekamadha.bara 1991 akka lakkoofsa oromootti qabsoo cimaa geggeessaa turteen mootummaa somaliyaa mohammad ziyaad barree aangoo irraa fonqolchuudhan walabummaa biyya ishee kan labsatte biyyi sumaliland kun baruma dhiyoo kana keessa ture.
      Bara1991 dura guutuu biyya somaliyaa bulchaa kan turan moototni somaliya Abdurahaman shermarkee fii mohammad ziyaad barree yommuu ta'an mootummootni kun sirni isaan geggeessaa turan akkuma mootummoota habashaa wajjin kan wal fakkaata akkasumatti gabrummaa daangaa hin qabneen ummata sumalee yeroo dheeraa bulchaa kan turan yommuu ta'u biyyi somaaliland jechuun yeroo ammaa kana maqaa ofitti moggaafte kun qaama somaliyaa fii lammii somalii irraa adda kan taate yommuu ta'u lammiin ishee sumale Isaaq jechuudhan beekama.
          

No comments: